Koollejootni hawaasaa fi ogummaa 34an Waashington kessatti argaman barattoota ga'essoota ta'aniif carraa baayyee banu. Barattoonni ogummaa hojii addaddaa irratti lenji'anii Ingiliffaa baratanii akka isaan digirii koolleejii fi yunivarsitiidhaaf qophaaan gargaaru.
Fedhii barnootaa hawaasa naannoo quubsuu
- Dubbisuu bu'uraa, barreessuu, qubeessuu (ispeelingii barachuu) fi herrega ga'eessotaa
- Dipiloomaa sadarkaa 2ffaa
- Leenjii hojii fi ogummaa
- Barnoota sadarkaa yunivarsitiidhaaf qopheessuu
Koolleejoota hawaasaa fi ogummaa ilaalchisee
- Barattoota sadarkaa olaanaa maneetii-barnootaa mootummaa isteetii kanaa keessaa dhibantaa 60 ta'an tajaajilu. Lakoobsi barattoota koolleejoota kanaan tajaajilaman gara 500,000 ni-ta'a.
- Waggaa-waggaadhan barattoota Washington keessatti kan sadarkaa 2ffaa xumuran keessaa 37% fudhatanii barsiisu.
- Namoota Washington keessatti digirii yunivarsitii argatan keessaa 40% koolleejoota hawaasaatti barnoota jalqaban.
Ingilifaas, waan biraas baradhu
Fedhiin ke ogummaa hojii haaraa barachuu, Ingilifaa barachuu ykn gara yunivaristiitti dabarfachu yoo ta'e koolleejiin naannoo keetii sagantaa siif ta'u niqaba.
Ingiliffaa barachuu yoo barbaadde koolleejii ykn waldaa hawaasaa naannoo ke irraa sagantaa barnoota Ingiliffaa akka afaan 2ffaatti ykn ESL ilaalchisee odeeffannoo argachuu dandeessa.
Kutaa barnoota ESL akka argattu si gargaaru danda'u. Kana malees, tajaajila barnoota bu'uraa (dubbisuu, barreessuu, ispeelingii fi herrega), manneen barnootaa sadarkaa 2faa, qophii dipiloomaa fi qormaata sadarkaa 2ffaa, ogummaa bu'uraa kompiyuteraa, barnoota lamummaa fi kkf sii arguu danda'u.