Skip navigation

Share with social media sites email this page print this page

Jalqabbii

diverse group of students showing their approval

Koolleejjonni hawaasaa fi ogummaa (community and technical colleges) barataa umuriin-ga'eessaa ta'e hunda nisimatu.

Nama barachu fedhu hunda nigalmeessu (ykn "open door")

Kun jechuun koolleejootni barattoota sadarkaa hunda irra jiranif barnoota fi tajaajila nikennu jechudha. Sadarkaan barnootaa barataan haaraan itti fudhatamu qormaataan murteeffama.

Koolleejii argachuu

Kolleejii mana keetti dhi'aatu argachuf College Search tti bu'iiti barbaaddachu. Koolleejii siif ta'u maqaasaatin ykn maqaa barnoota inni kennuun barbaaddee argachuu dandeessa.

Gaafa koollejii siif ta'u argatte qajeelchaa galmee sitti kennamu hordofiitii galmaa'i.

Sadarkaa barnootaa digirii tokko-tokko (kan akka Narsummaa ykn Fayyaa Ilkaanii) hordofuuf seera guutan ykn dabaree eeggatan qabaatu. Kana malees, barattootni kaan (kan akka Running, Start fi warrii biyyoota alaa irraa viizaa barataatin USA seenan) waraqaa iyyannoo garagaraa guutuutu irraa eegama.

I-BEST: Barnoota Ingiliffaa fi leenjii hojii

Koolleejotni garri caalaan sagantaa I-BEST jedhamu qabu. I-BEST jechun sagantaa barnoota bu'uraa fi leenjii ogummaa kan qindeessudha. Kan qindeeffamu barnoota Ingiliffaa (akka afaan 2ffaatti) fi leenjii ogummaa hojiiti. Kunis, barattoonni Ingiliffaa barachaa ogummaa hojii akka isaan argatan gargaara.

Kana malee, I-BEST barnoota bu'uraa ga'esotaa fi leenjii hojii walduukkaa kenna. Koolleejii sitti dhi'aatu waa'ee sagantaa I-BEST gaafachu dandeessa.

Kaffaltii tajaajila koolleeji

Koolleejin ati filattu kaffaltii sirraa eegamu sii mijeessuu danda'a. Akaataa kun ta''uu danda'u baruuf hojjetaa damee tajaajila barattootaa barbaadi mari'achiisi.

Mijeessuu jechuun waan akka gargaarsa gama maallaqaatin, hojjechaa akka ati barattu gochuudhan, sagantaa leenjii keessa-deebii kennuudhan akkasumas liqii kennuudhan ta'u danda'a. Haalli hojii fi maatii kes ilaalamee waa sii mijachu ni danda'a.

Translate our site: